Pirezidanii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad18 Bitooteessa 2025Hidhattoonni Al Shabaab konkolaataa Pirezidantii Somaaliyaa Hassan Sheek Mohammud magaalaa guddoo biyyattii Moqaadishoo keessa boombiin haleeluuf yaalanis Pirezidantichi ooluun gabaafame.Pirezidantichi Kibxata har’aa osoo magaalaa keessa deemaa jiranuu haleellaa boombii konkolaataa isaanii irratti xiyyeeffachuun raawwachuu gareen gareen kun beeksisuu maddi oduu Rooyitarsi gabaase.Haata’u malee, fuulli tiiwitara pirezidantichaa kan ta’e ‘Villa Somalia’ ammoo Pirezidanti Hassan Sheek Mohaammud, ajajaan Olaanaa, tarkaanfii shororkeessitoota idil-addunyaa dhabamsiisuuf kaayyeffate gaggeeffamaa jiru hoogganuu fi cimsuuf adda waraanaa Aanaa Adan Yabal daawwachuu beeksiise.Itti dabalunis, boodarra ammoo Pirezidaantichi hojii duula haaraa naannoo sanatti gaggeeffamaa jiru gamaaggamuuf hoggantoota waraanaa olaanoo waliin ni mari’atus jedhe barreeffamni kun.Qondaaltonni olaanoo mootummaa fi waraanaa lama, Pirezidantichi haleellaa jedhame kanaan booda nagaa ta’uu isaanii Rooyitarsiitti himan.Gorsaan pirezidantichaa Zaakaariye Huseen ammoo barreeffama toora X irratti barreessaniin, pirezidantiichi ”nagaa fi gara adda waraanaa jiraachusaanii” barreessan.Loltoonnii fi jiraattonni naannoo haleellaa jedhame kun itti raawwate ijaan argan ammoo konkolaataan pirezidaantichaa rukutamuu mirkaneessusaanii Rooyitarsi gabaaseera.Gaazexeessaan Rooyitars bakka sanatti argamu tokko haleellaa naannoo masaraa pirezidantichaatti raawwatameen reeffa namoota afur ajjeefaman arguutu gabaafame.

Leave a Comment