“Cubbuu Harka wal-murte” jedhanii mmku. maal-jechuudha?Afoola kana hanga dhumaatti dubbisi!👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇Gaafa durii namni laama kan wal-quba hin qabne namotoota shawwaduuf (gowwoomsuuf) iddoo adda addaatirraa bobbahani walitti dhufan. Isaan kuni tokko dayma jalatti dikee Takashee gara gabaatti geessuuf deemajira. kaanimmoo dhadhaa jalatti daaraa naqeeti gabatti dhiheessuuf deema.Akka carraa Rabi walitti fide Walitti dhufanii gara gabaa wajji deeman. boodarra maaliif gara gabaa akka deeman wal odeeffannaan inni deyma baatee deemu dhadhaa bituuf akka deemu, inni dhadhaa baatee deemu deyma bituuf akka deemu waliif himan. Boodarra erga akkana tahee haa waljijjiirrannuu ja’anii waliigalanii adda fudhatan. Erga ganda galanii booda inni daymaa jalli dikee inni dhadhaa jalli daaraa tahuu arkan. Boodarra maaliif nashawwadda? jennaan ati maaliif nashawwadda?Dhumarratti anaaf ati amala walfakkaatu waan qabnuuf wajji deemnuuqabna jedhanii murteffatuun wajji karaabu’an. Otuu deemanii qaallittii takka tan gumaata intala ishe tadeesseefetiif, buqqee dhadhaa maatitti baattee harkaan ofirratti qabaa, Waankaa (kormaa hoolaa) guddaa harka tokkoon harkisaa deemtu arkan. Arkinaan toof-taa baasan.👉 Hattuun ¹ffaan akka nama ijji hin arkinee riibaa/daggala kaanii kaan keessa bu’aa karatti bahee Rabbiif jedhii riibuma kana keessaa gara namaa nabaasi jedhee kadhate. Isheeniis naatee fi harki koo tokko Buqqeen kaanimmoo hoolaaniin harkisaa kamiin sihaaqabu?Jennaan ija malee harki koo fayyaadha waantaheef hoolaa naatu harkisaa ati anuma qabi jedheeni. Tole jettee isa qabdee deemsa itti fufan. Osumadeemsarra jiraniituu 👉Hattichi ²lammaffaan gama duubaatiindhufee hoolaa irraa fuudhe Erga karaa dheeraa deemanii maaloo haanni lafarra harkifataa jira natti fakkaataa meelaali jedhani.Yaroo laaltu fujjoo malee hoolaa nidhabde.Yaroo kana baayyee naate buqqee dhadhaa itti kennattee silaa ija hin qabduu anaatu sitti deebi’jettee hoolaa faana dhawuuf if duubatti deebi’uun deemsa jal-qbde Innis ija isaa banatee buqqee dhadhaa fudhatee deemuu jalqabe.Yaroo hoolaa dhabdee dhadhaa fudhatuuf deebitu, dhadhaaniis=0👉Haala kanaan Haadha siinqee gumaata intalashee hoongessan jedhama. 2.ffaarratti:Walitti deebi’uun deemsa itti fufan. Qaalicha tokko kan laga keessa ooyiruu qotatu arkan, tokko gaarara keessatti hafe, kaan immoo itti dhufe.Kan gaaratti hafe Ajab! Ajab! Ajab! Jechuun jalqabe, abbaan ooyiruu laaluuf gaara bahe itti dhufuus Yaroo dheeraaf osuma deebisaa hin laatiniif Yaroo dheeraaf Ajab! Ajab! Jechuun itti fufe. Dhumarratti sihii haraashii tokkoon lafa qotatu kanaatu ajaa’iba natti tahe jedhee deebiseefi. Yaroo kana-👉hattuun ¹ffaan haraashii morma tokko kuchiiseeti jira.Akkam! jedhee Yaroo dhaqee laalu dhuguma hin jiru. Faana dhawuuf oliif gadi kaatuu jalqabe .Hattuun ²ffaan gaaraa bu’eetu, tokicha hafe kuchiise. 👉Haala Kanaan qotee bulaa Hoon geessan 3ffaa Walitti dhufanii nama bira dalagannu barbaanna jedhanii deemsa jalqaban. osoo deemanii ganda buttuu tokko dhufan. Gandi buttuu kuniis sau’ma tokko qaba ture, kanaaf nama tokkoon sa’a naaf tiiksitu, tokkoon immoo dikee isaa hartu jedhanii waliif galan. Hoggaa kana👉Hattuu¹ffaan sa’a tikadhaqe.saani eega yaruma mooraa bahu fiigcha jalqabe, Innis jala itti eegale,dura, jala, dura,jala, osoon jalaan hafin kan hin dhaqqabin galgalli itti gayee mooratti waliingalan. 👉Hattuu ²ffaan dikee sa’aa yaroo fageessee darbu dikeen bakkuma reefu jirti. osoo gadi hin taa’in kan hareen fixin galgalli itti gayee walitti galan. Boodarra Haala oolmaasaanii walqoratuu jalqaban. 👉Inni ¹ffaan sa’a tikadhaqe saani bakka dheedaa/qoonqoo dhaynaan khalaas hin deemu ani hirriibatti oleetiin amma galchuuf fide Ja.eeni.👉²ffaan immoo dikee ganamaan qulqulleesseen rafaa oole jedhani.Tole boru ani dikeen qulqullssa atimmoo sa’adhaqi jedheeni. Ok jedhanii borumtummaa 👉inni ¹ffaan sa’a 👉²ffaan immoo dikeetti bobbahan.Hunduu akkuma kaleessaa ture Oolmaa gal-gala 2ffaa laaluuf walitti dhufan Amma dhugaajirtu walitti odeessan,Haala kanaan horii kana muratuu hin dandeenyuu haahannuu jedhanii murteeffatan!Sanduuqa maallaqaa barbaaddanii arkatan.¹ffaan harka kaaye, keenyaan harki isaa irraa cite, harka murame dhokfateeti ani maallaqa hammaarradhheetiin jiraa atiis hammaarradhu jedhani.²ffaan hammaarratuuf harka Sanduuqa Yaroo kaayu maqasiin sanduuqa keessaa harka irraa mure,way-harkikoo murameeti jiraa laali jedhani. ¹ffaan keedura koottu mura mee jiraa laali jedhani jedhama. 👉Cubbuun akkasiin harka walmurtee jedhamaSitti gabaa. By Hamdi Shukri Usmail