SEENAA AJAA’IBAA KANA DUBBISAA!Namticha tokkotu fardaan osoo deemuu namticha miilla lamaanuu hin qabne tokkotti dhufe. Namtichi miilla hin qabne sunis tabba ba’uu dadhabee foqoqaa ture. Abbaa fardaa argeetu, ” Maaloo na bira hin darbin. Akkuma argitu kana miilli koo lachuu citaadha deemuu hin danda’u.” Jedhaan. Abbaan fardaas hedduu gaddeef. Namticha miilla hin qabne kanas baatee fardarratti uddeellateetu imala eegale. .Erga takka deemanii booda, namtichi miilli citaa sunis abbaa fardaatiin akkas jedheen…, ” Milli koo citaa waan ta’eef lama taanee farda kanarra taa’uun natti toluu dide. Ati miillikee fayyaa waan ta’eef xiqqoo lafa deemi; animmoo takkan kophaakoo yaabbadhaatii jedheen.”Abbaan fardaas duraanuu waan akka malee gaddeefii jiruuf, tole jedhee bu’ee lafa deemuu eegale. Namtichi miilla citaa sunis takka erga fardaan kophaasaa deemee booda. Gulufuu eegale. Abbaan fardaa dhaabi jedhus didee gulufee fagaatee deeme. .Abbaan fardaa sunis namtichi miilla citaa sun fardasaa fudhatee akka badaa jiru waan hubateef sagalee ol fuudhee akkas jedheen, ” Farda kanallee fudhachuu fudhadhu. Waan narratti raawwatte kana garuu namatti hin himin adaaraakee. Addunyaa kanarraa namni nama gargaaru ni dhabamaatii.” Jedheen jedhama.OSOO ISIN TA’EE MAAL GOOTU?Bacha Gadisa Negasa 🍎 follow taasisaa!Yoo sitti tole hiriyoota keetiif sher taasisi!🙏

The Father of Modern Chemistry:Abu Mūsā Jābir ibn Hayyān is thought to have been born in Tus, Persia (modern day Iran). Jābir – whose name is commonly latinised to Geber in the west – was a polymath: a chemist and alchemist, astronomer and astrologer, engineer, geographer, philosopher, physicist, pharmacist and physician.Jābir proposed the mercury-sulfur theory, whereby metals differ from one another due to their varying proportions of sulfur and mercury. Unlike the elements we think of today, these names referred to certain principles, for which the element was the closest approximation in nature; sulfur characterised combustibility, and mercury metallic properties. Jābir wrote “the metals are all, in essence, composed of mercury combined and coagulated with sulphur… they differ from one another only because of the difference of their accidental qualities”.The use of experimentation in chemistry was Jābir’s greatest legacy. He is credited with using over twenty types of now basic chemical laboratory equipment, including the alembic and retort, and also describing many chemical processes, including crystallisation and distillation. He is believed to have discovered aqua regia, a mix of hydrochloric acid and nitric acid, which has the ability to dissolve gold, in the process of helping to justify alchemists’s search for the philosopher’s stone. Jābir also introduced several technical Arabic terms, such as Alkali , into the scientific vocabulary.It was Jābir’s recognition that experiments are vital to science that transformed the mystical practice of alchemy into what would become modern chemistry.

“BRICS” Gaaffii Miseensummaa Itoophiyaa Fudhachuun Dhaga’amummaa Biyya Keenyaa Kan Mirkaneessedha————–“BRICS” biyyoota baay’ina uummata Addunyaa keessaa %40 qooddatan biyyoota gama dinagdee, teknoloojiifi humna waraaanaatiin guddina ariifataa galmeessisaa jiraniin qajeeltoo ‘Tumsa Kibbaa-gara-Kibbaa’ jedhamu bu’uureffachuun kan hundaa’edha. Hunndeeffama tumsa kanaa irraa eegalee biyyoota miseensota garichaa jidduutti hariiroon dinagdee, siyaasaafi teknoloojii guddachaa dhufuun waltajjiiwwan Idil Addunyaa irratti dhaga’amummaan isaanii dabalaa akka dhufu taasiseera. Kunis, Garichi xiyyeeffannoo biyyoota hedduu akka argatu taasiseera.Biyyoota gaaffii miseensummaa “BRICS” dhiyeeffatan 40 keessaa tokko kan taate Itoophiyaan ulaagaawwan barbaachisu guuttee dhiyaachuu isheetiin gaaffiin miseensummaa ishe fudhatama argateera. Kunis injifannoo dippilomaasii guddaa biyyi keenya gonfattedha.Imaammanni Haajaa Alaa Agarsiiftuu milkaa’ina Imaammata biyya keessaa akkuma ta’e jijjiiramni waggoota shanan darban keessatti gama siyaasaa, diingdeefi hawaasummaan galmaa’e injifannoo gama dippilomaasiin argame kanaaf gumaacha olaanaa taasiseera. Waggoota shanan darban keessatti biyyi keenya ulaa galaanaafi boba’aa osoo hin qabaatiin akka Afrikaatti dinagdee guddaa 5ffaa, akka Baha Afrikaatti dinagdee guddaa 1ffaa ta’uu dandeessee jirti.Itoophiyaan baay’ina uummataatiin Afrikaa irraa sadarkaa 2ffaa irratti kan argamtu; biyyoota ollaas ta’ee fagoo waliin hariiroo dippilomaasii gaariifi tumsa irratti hundaa’e kan qabdu; Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dabalatee dhaabbilee Idil-Addunyaa gurguddoof hundeessituufi miseensa kan taate sadarkaa Idil-Addunyaatti haqniifi nageenyi akka mirkanaa’uuf ergama nageenya kabachiisuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin itti kennamu ga’umsa olaanaan ba’achuun seenaa boonsaa kan qabdudha. Dinagdee ariifataafi ittifufinsa qabu biyyi keenya Itoophiyaan galmeessisaa jiraachuufi hariiroo dippiloomaasii tumsaafi obbolummaa irratti isheen hordoftu ulaagaa BRICS guutuun gaaffiin miseensummaa dhiyeessite fudhatama akka argatu dandeessiseera. Injifannoon argame kun hojii guddaa gama dippilomaasiitiin taasifameen kan milkaa’e; sadarkaa Idil-Addunyaatti dhaga’amummaa biyya keenyaa kan dabalu akkasumas gumaacha haqaafi haqummaan akka mirkanaa’uuf taasisaa turte cimsitee akka itti fuftu; gama Investimentii Kallattiin filannoo dursaa biyyoota miseensa Garichaa akka taatu, oomishaalee isheetiif arraa gabaa biyyoota kaneenii akka argattu kan dandeessisu akkasumas ce’umsa tekinoloojiifi beekumsaa argachuun imala badhaadhinaa eegalame jiru ariifachiisuu keessatti qooda olaanaa waan qabuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa gammachuun itti dhaga’ame olaanaa ta’uu ibsaa uummanni naannoofi biyya keenyaa hundi baga gammaddan baga gammanne jechuu barbaada.Mootummaan Naannoo Oromiyaa biyya keessatti jijjiiramniifi milkaa’inoonni gurguddoo galmaa’aniif akkasumas gama hariiroo alaatiin injifannoon dippilomaasii akka argamuuf hooggansa bilchaataa MM keenya Dr Abiyyi Ahimad kennaniin ta’uu isaatiin galata guddaa kan dhiyeessuuf yoo ta’u biyyoota akka Biraazil, Hindi, Chaayinaa, Raashiyaafi Afrikaa Kibbaa gaaffiin biyyi keenya miseensummaa “BRICS”f dhiyeessite fudhatama akka argatu tumsa olaanaa taasisaniif galanni keenya guddaa ta’uu ibsa.Walumaagalatti Mootummaan Naannoo Oromiyaa injifannoo boonsaa gama dippilomaasiin argame galaa godhachuun biyya keenyatti nageenyi waaraan akka mirkanaa’u, ijaarsi sirna dimokiraasii jalqabame galma akka ga’uufi imalli badhaadhina hunda galeessaa eegalame akka mirkanaa’uuf hojiiwwan gama hundaan jalqabaman cimsee kan itti fufu ta’uu ibsa. Mootummaa Naannoo OromiyaaHagayya, 2015Finfinnee

Eenyutuu si miidhe?********************

https://hamdishukriusmailpersonalcar.wordpress.com-Abraham Linkan utuu gara pireezedaantii Ameerikaa hin dhufin dura abbaan isaa kophee tolcha ture. Warroota ija gad aantummaan nama ilaalan biratti “Mucaa abbaan isaa kophee tolchu” gara pireezidaantiitti dhufuun baay’ee ajaa’iba kan ta’eef, baay’oolii kan aarse ture. Guyyicha yeroon gahu Abraham Linkan haasawa jalqabaa taasisuuf mana mareetti argame. Akka tasaa namni dureessi tokko miseensota keessaa ka’ee “Abraham Linkan hoo; Abbaan kee maatii kootiif akka kophee tolche irraanfachuu hin qabdu” yoo jedhu manni maree guutun kolfe; dureeyyichi Abraham Linkan irratti qoose jedhanii waan yaadaniif.

Namoota tokko tokko garuu uumaman gootummaa addaa waan uffachiisef, Linkan dureeyyicha ija keessa ilaalaa akkana jedhe “Gooftaa koo! Abbaan koo maatii keetiif akka kophee tolche nin beeka, miseensota mana maree kana baay’ee dabalatee; sababni isaa inni akka tolchutti namuu kophee tolchuu waan hin dandeenyef; inni kalaqaa dha! Kopheewwan isaa kophee qofa miti, bu’aa kennaa lubbuu isaa wanta itti dhangalaase illee dha. Mee isinin gaafadha; kophee abbaan koo isiniif tolche irratti komii qabduu? Komii yoo qabaattan ani ogummaa kophee tolchuu waan qabuuf isiniif deebi’ee tolchuu nin danda’a; garuu hangan ani beekutti kopheen abbaan koo tolchu komii tokko illee hin qabu. Nama gamna fi guddaa hojii kalaqu waan ta’eef ani abbaa kootti nin boona.” Manni maree ni callise; namoonni hundinuu mataa gadi qabatani.

Onneerra kaawwadhu!

* Eyyama keetin ala namni kamiyyuu si miidhuu hin danda’u
* Yeroo kamiiyyuu yoo ta’e kan nu miidhu wantoota nu muudatan utuu hin taane, wantoota nu muudataniif deebii nuti laannuu dha
* Bidiruuwwan bishaan naannawa isaanii jiruun liqimfamuu hin danda’an, bishaan gara keessa isaanitti galuun yoo ta’e malee;
Akkuma kana wantoota badaa naannawa kee jiran akka gara keessa keetti hin galle eeggadhu.

” Looreetoota sadan Itoophiyaan qadu kana hangam beektuu?★★★★★ 𝗔𝗸𝗸𝗮 𝗜𝘁𝗼𝗼𝗽𝗵𝗶𝘆𝗮𝗮𝘁𝗶𝘀 𝗔𝗸𝗸𝗮 𝗔𝗱𝗱𝘂𝗻𝘆𝗮𝗮𝘁𝘁𝗶𝘀 𝗻𝗮𝗺𝗼𝗼𝘁𝗻𝗶 𝗕𝗮𝗱𝗵𝗮𝗮𝗱𝘀𝗮 𝗟𝗼𝗼𝗿𝗲𝗲𝘁𝗶𝗶 𝗯𝗮𝗱𝗵𝗮𝗮𝗳𝗮𝗺𝗮𝗻 𝗺𝘂𝗿𝗮𝗮𝘀𝗮.𝗟𝗼𝗿𝗲𝗲𝘁𝗶𝗶 𝗜𝘁𝗼𝗼𝗽𝗵𝗶𝘆𝗮𝗮 𝗸𝘂𝗻𝗻𝗲𝗲𝗻 𝗵𝘂𝗻𝗱𝗶𝗻𝘂𝘂 𝗢𝗿𝗼𝗺𝗼𝗼𝗱𝗵𝗮.1.Looreet Tsaggaayee Gebireemedin ~𝗚𝙖𝙢𝙖 𝗔𝙧𝙩𝙞𝙞𝙩𝙞𝙣2. Looreet (Prof.Gabbissaa Ejjetaa) 𝗚𝙖𝙢𝙖 𝗔𝙧𝙜𝙖𝙣𝙣𝙤𝙤𝙩𝙞𝙣3.Looreet (Dr.Abiy Ahimed) ~𝗜𝙟𝙖𝙖𝙧𝙨𝙖 𝙗𝙞𝙮𝙮𝙖𝙖 𝗳𝗶 𝗡𝗮𝗴𝗲𝗿𝗻𝘆𝗮𝗮𝘁𝗶𝗶𝗻 𝗵𝗼𝗷𝗶𝗶 𝗵𝗼𝗷𝗷𝗮𝘁𝗮𝗻𝗶𝗶𝗻 𝗯𝗮𝗱𝗵𝗮𝗮𝗳𝗮𝗺𝗮𝗻.